ONM-ABO Muddee 5, 2023
Humni badiin uummata Oromoo diinagdeen dadhabsiisuu barbaadu bilxiginnaan maqaa waraana bilisummmaa Oromoo of dura qabuun sobanii abbootii qabeenyaa Oromoo qabeenya isaa saamuu fi gadadootti hambisuuf haal duree godhatanii hojjachaa jiru.
Namuu hojjatatee jiraachuu kan hin dandeenyee hidhattoota garee maafi’aa PP biratti yeroo ammaa gochaa isaa malee hiraarfamaa kan jiru yoo ta’u, kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa magaalaa Leemman keessaa gaafa Muddee 3-4, 2023 walitti fufiinsaan namoota abbaa qabeenyaa magaalichaa ta’aan WBO deggertu jechuun mana hidhaatti jumlaan guuranii jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Namoonni hidhamanii jiran kunneenis Ashannaafi A. Gobanaa, Caalaa Akliiluu , Siyyum Jabeessaa, Bunee Girmaa Lammaa, Biraanuu Zabargaa, Abbittii Hayiluu Faradaa fi waardiyyaa CBE Hurrumaa Caalaa kanneen jedhaman ta’uu ONM jiraattota irraa qulqulleefateera.
Namoonni hidhaman kunneen namoota jiruu idilee isaanii geggeeffatan kanneen akkuma namoota kamiiyyuu dafqa isaaniin bulan yoo ta’aan, tooftaa murni bilxiginnaa hawaasa harka duwwaatti hambisuuf karoora baafatee hojjachaa jiru ta’uus maddeen tokko tokkoo fi jiraattotni ONMtti himaniiru.

