Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti dargaggoonni jaha haala suukanneessaan hidhaa irraa baafamuun ajjeefaman

ONM-ABO Guraandhala 23, 2024

Bilxiginnaan impaayera Itoophiyaa kufaatii jalaa baraaruuf jecha namoota qulqulluu qaroo uummataa ta’aanii fi abdii egeree biyya kanaa ta’aan ija shakkiin ilaaluun Oromiyaa keessatti mana hidhaatti naqee achii ammoo halkan baasuun ajjeesanii bakkeetti gatuun bineensa nyaachisaa jiru.

Murni bilxiginnaa ajjeesanii dhoksuu dabalatee mana hidhaa dhoksaatti ilmaan Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’aan hidhee dararaa jiraachuun ni beekama.

Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa magaalaa Leemman keessaa gaafa Guraandhala 20, 2024 mana hidhaa aanichaa keessaa hidhamtoota maqaa siyaasaan yakkaman jaha halkan irra baasuun daandii gurraacha irratti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni magaalichaa ONMtti himan.

Akka jiraattotni jedhanittis shamarran tokkoo fi fi dhiiroonni shanan ajjeefaman kunneen dargaggoota ta’uu himuun, rasaasaan mataa keessa waan rukutamaniif adda baasanii maatiif himuun illee rakkoo akka ta’e himan.

Dabaluun akka jiraattotni jedhanitti dargaggoonni hedduun aanaa tokko keessaa qabamuun gara aanaa biraatti geeffamuun ajjeefamaa jirus jechuun dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version