ONM-ABO Guraandhala 26, 2024
Gareen ajjeechaaf Oromiyaa keessatti qondaaltota olaanoo biyyattiitiin leenjifamanii ajaja mana murtii malee uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachaa jiran akkuma itti fufanitti jiru.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Guraandhala 24, 2024 kibba lixa Shaggar aanaa Ammayyaa magaalaa Gindoo keessaa dargaggoota afur hidhattootni ajjeechaaf qondaaltota olaanoo biyyattiitiin bobbaafaman halkan mana hidhaa irraa baasuun ajjeesanii bakkeetti gatuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Dargaggoota ajjeefaman keessaa Wasanuu Naggasaa fi Giraabaa Hinjiguu kanneen jedhaman ammaaf kan maqaan isaanii nu ga’e yoo ta’u, dargaggoonni kunneenis dhalootaan ganda Beerree Kirkiraa ta’uus dabaluun jiraattootni kunneen ibsaniiru.
Akka jiraattotni dabaluun ibsanitti namoonni lakkoofsaan hedduu ta’an mana hidhaa magaalichaa keessatti kan argaman ta’uu ibsuun dargaggoota siyaasa keessaa harka hin qabne kana mana hidhaa keessaa baasanii akka ajjeesan dubbachuun, uummaticha ajjeechaan jiilchuuf karoora murni bilxiginnaa qabatee ba’e ta’uus jiraattotni addeessaniiru.

