Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaalee hedduu keessatti hidhaan namoota nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Hagayya 5, 2024

Tarsiimoo jabaa dargaggoota Oromoo irratti baafachuun murni bilxiginnaa jumlaan guuree mana hidhaatti naquun murtii seeraa tokko malee torbanoota, ji’ootaa fi waggoota waajjira poolisii fi mooraa waraana isaanii keessatti hidhuun halkan halkan dabaree dabaree baasanii ajjeesuu bira darbanii akka qorqalbiin isaanii tuqamuu fi deebi’anii nagaa hin taanetti gidiraa hamtuu irratti raawwachaa jiru.

Kibba Lixa Shaggar aanaalee akka Iluu, Ammayyaa fi Tolee keessatti dargaggoonni Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’an mana murtiitti osoo hin dhihaatin waajjira poolisii fi mooraa waraanaa keessatti ji’ootaaf dararamaa akka jiran ONM jiraattotaa fi maddeen irraa qulqullulleefateera. 

Aanaa Iluu magaalaa Tajii waajjira poolisii magaalichaa keessatti dargaggoonni lama kanneen maqaan isaanii  Waaqoo Girmaa fi Warquu Tashoomaa jedhaman ganda Digduu Miidaa irraa ji’ootaaf hidhamanii hiraarfamaa akka jiran ibsu.

Akkasumas aanaa Ammayyaa ganda Rogee Sadan irraas dargaggoonni maqaan isaanii: 

  1. Zawudee Baqqalaa fi  
  2. Ayyalaa Dhugaa jedhamanis magaalaa Gindoo keessatti hidhamanii dararaa ulfaataa argaa akka jiran beekamee jira.

Akkasumas, aanaa Tolee magaalaa Baantuu ganda 01 keessaa:

  1. Abdiisaa Muldhee
  2. Gaaddisaa Mul’ataa 
  3. Badhaanee Hordofaa 
  4. Shuumii 
  5. Alamaayyoo Abarraa 
  6. Dibaabsaa  
  7. Niimoonaa Laggasaa fi 
  8. Abbabaa Tashuu 

Ganda Abeebee irraa:

  1. Hayiluu 
  2. Baacaa fi 
  3. Daammanaa 

Ganda Dhukaatii irraa:

  1. Daandanaa 
  2. Ganda Tummee Yaayyaa;
  3. Moosisaa
  4. Ganda Mirgiriit irraa 
  5. Tafarraa Yaa’ii 

Ganda Baliidaa irraa: Kaasayee Bashii kanneen jedhaman hidhamanii magaalaa Baantuu keessatti ji’ootaaf gidiraa hamtuu keessummeessaa akka jiran jiraattonni dabaluun ibsaniiru. 

Akka Jiraattonni fi maddeen keenya jedhanitti namoonni kunneen balleessaa qabaataniif osoo hin taane  sababuma Oromoo ta’anii fi sabboonummaa qabaniif jecha maqaa WBO waliin hariiroo qabduutiin murtii seeraa tokko malee gidirfamaa akka jiran  ibsan.

Exit mobile version