Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti manneen qonnaan bultootaa gubachuun, Shaggar City magaalaa Galaan fi Sabbataa keessatti namoonni hedduun dirqiin qabamanii leenji’aa jiraachuun beekame

ONM-ABO Mudde 15, 2023

Oromiyaa bakkeewwan hedduutti yeroo ammaa gubaatiin manneen namoota irratti maqaa waraana bilisummmaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabdu jedhuun geggeefamaa jiruun namoonni lakkoofsaan hedduu ta’aan manaa ala ta’uun rakkoo hamaa keessatti kufanii jiru.

Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti ajjeechaa jumlaa dabalatee gubaatiin manneen namootaa kan itti fufee jiru yoo ta’u, guyyaa dheengaddaa jechuun Muddee 13, 2023 maqaa waraana bilisummaa Oromoo deggartu jedhuun mana obboo Kaasahuun Iyyaasuu fi kan obboleessa isaa mi’a. mana keessaa dabalatee tokko osoo hin baafatiin hidhattootni kolonel Abiy Ahimediin gandichatti bobbaafaman waqtii itti hawaasi ooyiruu isaa irraa midhaan galfatutti gubanii barbadeessuun rakkoof saaxilanii jiru.

Akkasuma magaalaa Shaggar City kutaa magaalaa Sabbataa fi Galaan kessatti dargaggoonni hedduun karaa irraa qabamuun gara adda waraanaatti geeffamaa jiraachuu fi  namoota hojii adda addaa qacaramuuf waraqaa eenyummaa fi Dokumantii qabanii gara waajjiraa deeman  sobanii dhaqaaatii Copy godhaatii kootta jedhanii yeroo isaan gara sana deeman poolisii itti waamsiisuun gara leenjiitti oofa jiraachuus maddeen himan.

Kutaa magaalaa Sabbataa bakka mana Sirreessaa Diimaa jedhamutti  hidhamtootni mana adabaa turanii fi namoonni karaa irraa qabaman 200 ol leenjii waraanummaa leenji’aa jiraachuus himan.

Akkasuma Galaan bakka Daalatti jedhamuttis namni 250 leenjiin keennamaafi jiraachuu ibsuun, namoonni karaa irraa qabamanii jiran manni hidhaa guutuu irraan kan ka’e bakkee keessa ciisaa jirus jedhaniiru.

Magaalaa Sabbataa fi Galaan keessatti namni karaa irra adeemuuf yeroo ammaa dhiphachaa jiraachuun bakkee keessa yoo deeman wantoota akka waraqaan eenyummaa kee kan duriiti jechuun sobanii mana hidhaatti galchuun, achii ammoo leenjii waraanaaf gara mana hidhaatti darbaa jiru jechuun maddeen magaalaa Galaanii fi Sabbataa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version