Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti manneen qonnaan bultootaa waraana PP’n gubate

ONM-ABO Fulbaana 22, 2024 

Sochii fi tarkaanfii jajjabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kibba Lixa Shaggar keessatti taasisaa jiruun kan baaraagan loltoonni fi kaabinoonni PP bifa haaloo baafannaatiin qe’ee fi qabeenyaa jiraattotaa gubanii barbaadeessuu jabeessanii jiru.

Gareen maafi’aa PP kun karoora badii baafachuun bara aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee qe’ee uummataa nagaa dhoowwachuun halkanii fi guyyaa boqonnaa dhorkaa kan jiru yoo ta’u godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Caancoo Roobee keessatti namoota nagaa jalaa manneen isaanii mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubanii barbaadeessuun beekame.

Obbo Biqilaa Taamiruu kan jedhamuu fi ilma isaa Heey’oo Biqilaa kan jedhamu jalaa mi’a mana keessaa waliin manneen isaanii jalaa gubanii barbaadeessuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru. 

Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti Obbo Biqilaan lubbuun kan hin jirree fi haati manaa isaa ammoo jaartii waggaa 80 yoo ta’an, manicha keessaa ishee baasuun mana ishee mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubanii barbaadeessuun ibsameera.  Jaartiin kun namni ishee gargaaru illee kan hin jirree fi umurii kanatti rakkoof  saaxilamtee akka jirtu dabaluun himameera. 

Exit mobile version