ONM-ABO Caamsaa 2, 2025
Bulchiinsi sirna nama nyaataa impaayerattii fi jaleewwan isaa kan guyyaa tokkoof uummata Oromoof nagaa kennanii hin beekne Ebla 30, 2025 aanaa Abaaboo Guduruu ganda Caalaa Booqaa jedhamu keessatti qe’ee uummataatti duuluun ganama keessaa toora sa’a 3:00’tti yakka tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Mitikkuu Damoozee Immiruu,
- Tashoomee Taakkalaa,
- Dhaabaa Moosisaa fi
- Mitikkuu Kabbadaa
dabalatee namoota maqaan nu hin ga’in hedduu jalaa manneen isaanii qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessuu maddeen gamasii ONM’f eeranii jiru.
Biyyaa fi qe’ee isaa irratti uummata Oromoo irratti gochaawwan sukkanneessoo dhala namaaf hin malle raawwachaa kan oolan ergamtoonni impaayera Itiyoophiyaa dantaa murna tokkoo kabachiisuuf jecha mirga saba guddaa, abbaa aadaa fi duudhaa, abbaa seenaa fi seeraa gaanfa Afrikaa fi addunyaa kan ta’e uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii, miidhaa qorqalbii fi mancaatii qabeenyaa irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamuudha.

