• Sat. Mar 14th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruu keessatti jaleewwan faashistii PP gubaatii manneen uummataa irratti raawwachuun dhaga’ame

May 2, 2025

ONM-ABO Caamsaa 2, 2025 

Bulchiinsi sirna nama nyaataa impaayerattii fi jaleewwan isaa kan guyyaa tokkoof uummata Oromoof nagaa kennanii hin beekne Ebla 30, 2025 aanaa Abaaboo Guduruu ganda Caalaa Booqaa jedhamu keessatti qe’ee uummataatti duuluun ganama keessaa toora sa’a 3:00’tti yakka tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Mitikkuu Damoozee Immiruu, 
  2. Tashoomee Taakkalaa, 
  3. Dhaabaa Moosisaa fi
  4. Mitikkuu Kabbadaa 

dabalatee namoota maqaan nu hin ga’in hedduu jalaa manneen isaanii qabeenya guutuu waliin gubanii barbadeessuu maddeen  gamasii ONM’f eeranii jiru.

Biyyaa fi qe’ee isaa irratti uummata Oromoo irratti gochaawwan sukkanneessoo dhala namaaf hin malle raawwachaa kan oolan ergamtoonni impaayera Itiyoophiyaa dantaa murna tokkoo kabachiisuuf jecha mirga saba guddaa, abbaa aadaa fi duudhaa, abbaa seenaa fi seeraa gaanfa Afrikaa fi addunyaa kan ta’e uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii, miidhaa qorqalbii fi mancaatii qabeenyaa irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading