Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Roobee keessatti namoonni nagaan torba (7) jumlaan loltoota PP’n ajjeefaman

ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2024 

Dacheen Oromiyaa nagaa dhabuun dirree dhiigni namoota qulqulluu sababa tokko malee keessatti dhangala’u erga ta’ee waggoonni ja’a lakkaa’ameera.

Godina Arsii Bahaa aanaa Roobee ganda Amallamaa keessatti Onkoloolessa 11, 2024 haala suukkanneessaa fi argaaf dhageettiif hin tolleen namoonni torba (7) rasaasa loltoota sirnichaan rukutamanii ajjeefamuu jiraattonni ollaa dubbatu.

Namoonni ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii: 

  1. Huseen Hajjii Maammaa Gullee,
  2. Asaaba Hajjii  Urjii,
  3.  Sh/ Abdul Jaliil Aliyyii,
  4.   Idismaawuu H/Muhaammad,
  5.   Amaanaa Hajjii,
  6.   Bayaan Massuu kanneen jedhamanii fi nama tokko ammaaf maqaan isaa kan nu hin qaqqabne ta’uun beekamee jira.

Namoonni kunneen ganda dhaloota isaanii keessatti haala yaadessaa ta’een kan ajjeefaman yoo ta’u, balleessaa qabaataniif osoo hin taane Oromoo ta’uu isaanii qofaaf yakkamanii bakka tokkotti haala suukkanneessaa ta’een akka ajjeefamanis dabaluun dubbatu.

Ajjeefamuun namoota nagaa kunis hawaasa aanichaa gadda guddaa keessa kan galche  ta’uu dubbachuun, qaamni biyyan bulcha jedhu kun uummata fayyaalessa akka kanaan ajjeesuun isaa kan nama gaddisiisudha, ganda tokko keessaa sa’a walfakkaataatti nama torba dhabuu jechuun gadda guddaadha jechuun, egereen uummata Oromoos ta’ee gandichaa maal akka ta’e tilmaamuun nama hin rakkisu jechuun dubbatu.

Har’a ajjeechaa uummata nagaa irratti raawwatamu kana uummatni Oromoo iddoowwan garaa garaa jiran osoo arganii callisuun akkasumas maal na dhibdeen du’a wal irratti ilaalan kunneen boru tokkoo tokkoon manneen isaanii akka seenu kan nama shakkisiisu mitis jedhan.

Exit mobile version