Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Roobee gandoota baadiyyaa keessatti hidhaa fi dararaan uummata nagaa irratti raawwatamu hammaate

ONM-ABO Sadaasa 12, 2024 

Murni maafiyaan PP golee Oromiyaa hunda keessatti loltoota isaa bobbaasuun uummata Oromoo goolaa jiru, godina Arsii Bahaa aanaa Roobee keessatti gochoota farrummaa isaa jabeessee itti fufee jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti hidhattoonni sirnichaa aanaa Roobee keessatti bobba’uun ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi gubaatii manneen namoota nagaa irratti raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanumaan wal qabatee aanaa Roobee ganda Saddiiqaa Qarsaa bakka Amaallamaa jedhamutti dargaggoota 7 ajjeesanii turuu yaadachiisanii, yeroo ammaa kana maatii dargaggoota ajjeefamanii irratti saamichaa fi hidhaa raawwachaa jiraachuu ibsanii jiru.

Namoonni lukkeelee Bilxiginnaa kanaan hidhaman kun mana murtiitti hin dhiyaanne kan jedhan maddeen, yeroo ammaa saamichi qabeenyaa fi mana hidhaatti reebichi irra gahaa jiraachuu ifoomsaniiru.

Hidhamtoota irraa adda baafamuun mooraa waraanaa keessatti gochi suukkanneessaan irratti raawwatamaa jiraachuus ibsaniiru.

Namoonni hidhamanii dararamaa jiran kunneen:

  1. Sheek Abduljaliil ilma isaa yeroo darbe ajjeesanii isa hidhan 
  2. Sheek Mahaammud ilma Isaa Misbaahuu yeroo darbe ajjeesan amma abbaa marsaa lammaffaaf hidhan.
  3. Habiiboo Huseen 
  4. Jamaal nama jedhamu 

immoo re’oota isaa loltoonni Bilxiginnaa kun jalaa qalatanii nyaachuu himuun, waajjira aanaa Roobee deemee waan irra ga’e waan himateef hidhuu isaanii maddeen  Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Bulchaan Bulchiinsa aanaa Roobee Obbo Balaay Gammadaa kan jedhamu waltajjiiwwan adda addaa irratti nama faallaa dhaaba keenyaa dhaabbate tokko tokkoon manaa guurree ajjeefna jechuun uummatatti dhaadataa turuu ibsuun, walumaa galatti haalli gandoota baadiyyaa aanaa Roobee keessa jiru baay’ee yaaddessaadha jedhaniiru.

Exit mobile version