ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025
Aanaa Roobee Dida’aa ganda Simee Mararoo keessatti maqaa hariiroo WBO qabdu jedhuun uummata nagaa sobaan yakkuun hidhaa kan jiran oggaa ta’u, isaan keessaa namoonni muraasni maqaa arganne:
- Ababaay Suleemaan,
- Abdii Uzuu fi
- Tamaam Kadir
dabalatee qonnaan bultoonni hedduun mana hidhaa sirnichaa keessatti rakkoo hamtuu argaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Sirni garboomfataan Bilxiginnaa qaala’insa jireenyaa itti hammeessuun cinatti uummata onichaa irratti waraana bobbaasuun hidhuu, ajjeesuu, saamuu, manaa fi qabeenya isaanii gubanii barbadeessuun qe’ee isaanii onaa taasisaa jiru.
Daa’immanii hanga dargaggootaatti, dargaggootaa hanga maanguddootaatti, akkasumas shamarranii hanga hawwaniitti qabee hidhuun gidirsuu kan adeeffate bulchiinsi impaayerattii, sirna dhableeyyii caasaalee isaa gubbaa hanga gadiitti uummata irratti diriirsuun guyyuu manneen jireenyaa hawaasaa mana hidhaa taasisuun gidiraa hangana hin jedhamne irratti geggeessaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa jiraachuun ni beekama.

