Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baalee Dhihaa magaalaa Roobee fi aanaa Diinshoo keessatti dararaan uummata Oromoo irratti raawwatu jabaate 

ONM-ABO Caamsaa 9, 2023

Murni bilxiginnaa waggoottan shanan aangoo irra jiru kana keessatti qe’ee ilmaan Oromoo gaddaa fi gadadoon uwwisaa akkasumas hawaasa Oromoo dhimmoota isaan hin beekneen dararaa, guyyuu jireenya itti hadheessaa ture, jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaan ilmaan Oromoo godina Baalee Dhihaa magaalaa Roobee keessatti abbootii qabeenyaa Oromoo irraa maallaqa guuruu, maqaa gibiraan seeraan ala saamuu, maqaa siyaasaan namoota hidhuu fi saamichi lafaa magaalicha keessatti hammaachuun hawaasni dararaa keessa jiraachuu maddeen ibsaniiru.

Godinichuma aanaa Diinshoo gandoota baadiyyaa fi magaalaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun namoota hidhaa, qabeenya saamaa fi reebicha geggeessaa jiru.

Hawaasa baadiyyaa aanaa Diinshoo keessatti kaabinootni bobba’aan qonnaan bultoota ilaalcha siyaasaan yakkuun isin hidhata WBO qabdu, Waraanni Bilisummaa Oromoo naannoo keessan keessa kan socho’u yoo ta’e gaafatamni mataa keessani jechuun akeekkachiisa garaagaraa itti laachaa akka turan maddeen dabalataan ibsaniiru.

Exit mobile version