ONM-ABO Adoolessa 10, 2025
Impaayera duutni rakase Itiyoopiyaa Abiy Ahimed bulchaa jiru keessatti dhiiga qulqulluu guyyaa guyyaan dhangala’aa ooluun lammiileen impaayerattii gadda keessummeessaa oolu.
Haaluma kanaan loltootni impaayerattii Adoolessa 7, 2025 aanaa Roobee Diida’a ganda Jeenaa Hululii keessaa nama maqaan isaa Adam Suufaa jedhamu mana isaa keessaa qabanii hidhuun hiraarsaa erga turaniin booda, mana hidhaa irraa baasanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii hallayyaatti darbatanii biraa deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.
Akkasumas, aanichuma keessaa namoota maqaan isaanii:
- Abdii Qaasoo,
- Asiyaa Ture fi
- Aashiim Qaasoo
kanneen jedhaman mana hidhaa keessatti mirga isaanii guutummaatti sarbuun haala suukkanneessan dararaa jiraachuu maddeen dabaluun himaniiru.

