• Sun. Jan 11th, 2026

Arsii Bahaa Aanaa Roobee Diida’a keessatti murni Bilxiginnaa uummata nagaa mana hidhaatti guuruun humnaa ol reebuu fi mana hidhaa irraa baasee ajjeesaa jiraachuun dhaga’ame 

Jul 10, 2025

ONM-ABO Adoolessa 10, 2025 

Impaayera duutni rakase  Itiyoopiyaa Abiy Ahimed bulchaa jiru keessatti dhiiga qulqulluu guyyaa guyyaan dhangala’aa ooluun lammiileen impaayerattii gadda keessummeessaa oolu.

Haaluma kanaan loltootni impaayerattii Adoolessa 7, 2025 aanaa Roobee Diida’a ganda Jeenaa Hululii keessaa nama maqaan isaa Adam Suufaa jedhamu mana isaa keessaa qabanii hidhuun hiraarsaa erga turaniin booda, mana hidhaa irraa baasanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii hallayyaatti darbatanii biraa deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.

Akkasumas, aanichuma keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Abdii Qaasoo, 
  2. Asiyaa Ture fi 
  3. Aashiim Qaasoo 

kanneen jedhaman mana hidhaa keessatti mirga isaanii guutummaatti sarbuun haala suukkanneessan dararaa jiraachuu maddeen dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading