• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee Magaalaa Qiciicootti maqaa waraqaa eenyummeessaa baafachuu qabdu jedhuun saamichi jabaachuun himame 

Jul 10, 2025

ONM-ABO Adoolessa 10, 2025 

Bulchaan aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicoo Obbo Ahimed Haaji Umaruu jedhamu yeroo irraa gara yerootti aangoo qabutti dhimma ba’ee jiraattota aanaa Harxummaa Fursee kaan sobaan yakkee hidhuun  maallaqa humnaa olii isaan kaffaluu hin dandeenye gaafachuu, gariin ammoo maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun qe’ee irraa buqqisaa jira. Gama biraan ammoo waraqaa eeyyuummeessaa baafachuu qabduun hawaasa qaala’iinsi itti ulfaatee jiru maallaqa kaffalaan hiraarsaa jira.

Nama tokkoof warqaa eenyummeessaa baasuuf qarshii 3000-4000 gaafachaa kan jiru yoo ta’u, kanneen qarshii gaafataman dhaban ammoo sodaachisni irratti raawwachaa jiraachuu dabaluun ifoomsaniiru.

Kanaan duras bulchaan Bilxiginnaa kun maqaa warqaa eenyummaaf jedhuun qarshii kaffaltii dhimma kanaa hin madaalle itti muruun jiraattota harkaa fuudhaa turuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa irra deddeebiin gabaasaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply