Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaalee Sirkaa fi Roobee Diida’aa keessatti murni Bixiginnaa nama nagaa tokko ajjeesuu fi uummata mana hidhaatti jumlaan guuraa jiraachuun ifoomee jira

ONM-ABO Ebla 16, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Eleellee Walaanaa iddoo addaa Xuullee jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Ukkaashaa Haashim Haajii jedhamu maqaa sobaa waraana bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda jedhu itti maxxansuun gaaffii seeraa tokko malee mana isaatii gadi baasanii maatii isaa duratti rasaasa itti roobsuun ajjeessanii hallayyaatti gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Kana malees ganduma kana keessatti hawaasa nagaa siyaasa kamiin Keessaa qooda hin qabne namoota maqaan isaanii: 

  1. Obbo Adam Abdullaahii fi 
  2. dargaggoo Araboo Adam 

jedhaman mana isaaniitii qabuun of duukaa buusanii  sakattaa WBO’f bobba’uun, yoo waraanni bilisummaa Oromoo qawwee nutti  dhukaase nuti immoo isin ajjeefna jechuun erga doorsisaa turaniin booda fuudhanii gandoota baadiyyaa hunda irraan deemaa jiraachuus maddeen itti dabaluun ONM’f ifoomsanii jiru.

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Roobee Diida’aa ganda Jeenaa Gadamsaa  irraas dargaggoo maqaan isaa Doktooruu Jibriil jedhamu mana maatii isaatii ukkaamsuun gaaffii tokko malee qawwee itti qabanii gandoota baadiyaa irra ittiin deemaa jiraachuu fi namoota hedduus ganda kana irraa mana hidhaatti guuranii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoota hidhamanii hiraarfamaa jiran keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Maammad-amiin Haaji-Amaan;
  2. Sheek Adam Haaji-Amaan,
  3. Hiisaa Jeeyluu,
  4. Kamaal Gannaan,
  5. Jibriil Jeeyluu 

kanneen jedhaman yoo ta’u, lukkeelee sirnichaan qe’ee isaanii irraa qabamanii baadiyyaa irraa naannessuun yeroo ammaa waajjira poolisii aanaa Roobee Diidaa Keessatti hidhanii hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version