Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti waraana PPn dargaggeessi tokko yoo ajjeefamu, manneen namoota nagaa hedduunis gubatan

ONM- ABO Amajjii 8, 2024

Oromiyaa keessatti hidhaa, ajjeechaa, saamichaa fi manneen namootaa ibiddaan gubuun loltoota PPn jabaatee itti fufuun lubbuun namootaa fi qabeenyi uummata nagaa yakka sirnichaan manca’aa jira.

Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Soolee Digaluu keessatti guyyaa dheengaddaa jechuunis Amajjii 5, 2023 dargaggoo maqàan isaa Bushuraa Abdallaa jedhamu waraana raayyaa ittisa impaayerattiin ajjeefamuu maddeen ONMtti himaniiru.

Torban kana keessa aanichuma keessatti manneen namoota nagaa 11 loltoota sirnichaan gubatee barbadàa’uu kan gabaasan maddeen, ammaan duras aanaa Sirkaa gandoota akka Waajii Raaph’asaa, Biduu Baalaa, Soolee Nageellee, Soolee Caffaa, Waajii Konnee, Heellaa Waajii, Soolee Digaluu fi gandoota aanichaa biroo keessatti manneen namootaa gubachuun hammaatee gaggeeffamaa turuu fi ammas itti fufuun gandoota biroo keessatti babaldhachaa jiraachuu dubbataniiru.

Exit mobile version