Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Baha Oromiyaa godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti dhukaasa waraanni PP hawaasa nagaa irratti bananiin Lubbuun namootaa darbuun dhaga’aame

ONM-ABO Sadaasa 27,2023 

Sadaasa 23, 2023 Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda waajii Raphasaa keessaa waraannii faashistii PP dargaggootaa fi namoota karaa irratti argan walitti qabuun nu dura bu’aa bakka WBOn jirtutti nu geessaa jechuun dirqisiisanii erga fuudhanii deemaniin booda iddoo addaa ardaa qarbii duulaa jedhamtu ga’uun uummatni nuti namoota nagaa hojii dhuunfaa keenya hojjennee jiraannuudha bakka waraanni Bilisummaa Oromoo jiru waan hin beekneef kana caalaa hin deemnu jedhanii waan didaniif namoota kana irratti dhukaasa banuun lubbuu dargaggoota afuurii galaafachuu maddeen himan.

Dargaggootni dhukaasa loltoota PPn ajjeefaman kunneen Ibraahim H/Iissaa ganda waajii Raphasaa, Sh/Awwal muhaammad ganda waajii raphasaa, Qaasim Ahimad ganda sojjii saadee fi Fatash Aloo jiraataa ganda sojjii saadee yoo ta’aan, Sirna Awwaalchaa dargaggoota 3 guyyaama Sana halkaniin hawaasni ba’ee gaggeessuun dargaggoon tokkos reeffi isaa borumtaa argamee awwaalamuu maddeen keenya aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Waraanni raayyaa ittisa impaayerattii ilmaan Oromoo jumlaan lafarraa duguuguuf bobbaafaman kunneen hawaasa nagaa bakka sana turan hedduu irratti ajjeechaa raawwachuuf dhukaasa addaan hin cinne dhukaasaa kan turan yoo ta’u, tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo bakka sana ture namoota kanneen baraaruuf fudhateenis lubbuun namoota hafanii du’arraa ooluu dabaluun ibsan.

Exit mobile version