Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa keessatti murna Bilxiginnan manneen hawaasa gubachuu fi saamichi raawwachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Muddee 30, 2024 

Murni impaayera Itiyoophiyaa bulchaa jiru Bilxiginnaan daddaaqamiinsa siyaasaa isa mudatee jiru irraa dandamachuu dadhabuun ummata nagaa dararuu hojii idilee taasifachuun Muddee 28, 2024 aanaa Sirkaa ganda Waajii Raphasaa keessatti manneen hawaasaa Jumlaan gubuu fi uummata reebuun mana isaanii keessaa qabeenya tokkollee akka hin baafanne dhorkuun ibiddaan gubanii barbadeessuun ibsameera.

Jiraattota manneen isaanii jalaa gubate keessaa kanneen maqaan nu ga’e:

  1. Kadir Tufaa,
  2. Hajii Muunsaa Tufaa, 
  3. Kadir Hajii Muunsaa,
  4. Mohaammadamiin Hajii Muusaa,
  5. Kaduu Hajii Waaqee fi 
  6. Durii Taasii kan jedhaman ta’uun ibsameera.

Aanaadhuma kana keessatti Muddee 25, 2024 ganda Gallabee Amajaa keessatti  Waraanni Bilxiggiinna maqaa sakattaa WBO’n bobbaafaman re’oota hedduu namoota maqaan isaanii:

  1. Sulxoo  Kadee,
  2. Husuu Hajii Washoo, 
  3. Ahimad Hajii Rabboo, 
  4. Huseen Hajii Rabboo fi 
  5. Ganichuu  Kadir 

kanneen jedhaman jalaa ooffachuun akka qalatan jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru. 

Exit mobile version