Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaa keessatti waraanni maafiyaan PP uummata nagaa ajjeesuu fi hidhuu akkasumas saamicha qabeenyaa irraan ga’uun dhagaa’ame

ONM-ABO Muddee 20, 2024 

Waraanni akka feeteen faashistii PP jiruu fi jireenyi isaanii kabaja aangoo murna tokkoo eeguu qofa ta’e hawaasa qulqulluu homaa hirmaannaa siyaasaa kam irraa walaba ta’an ajjeesuu, hidhuu fi saamuu daran jabeessanii itti fufaniiru.

Jaarsa biyyaa ilaalcha gaarii hawaasa isaa keessatti qabu, kan tuttuqaa hirmaannaa siyaasaa kamii keessatti qooda hin fudhannee fi abbaa ilmaan ja’aa kan ta’e Obbo Wayyeessoo Jaarsoo fi dargaggoo maqaan isaa Amiin Abdullee jedhamu Muddee 18, 2024 yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun ibsameera.

Kana malees namoota maqaan isaanii Gannishuu Kadiir Amiinoo fi Ramaan Gannishuu Kadiir jedhaman jalaa horii  ooffachuun, namoota hedduus qabanii gara mooraa waraanaatti geessanii hidhuun beekameera. 

Namoonni hidhaman kunneenis murasni maqaan nu ga’e: 

  1. Ashruu Gannishuu Kadir,  
  2. Ashaa Huseen Maammaa, 
  3. Hawwii Huseen Sheek Usmaan, 
  4. Daadiyaa Toree Ismaa’eel, 
  5. Kubaa Kamuu Indiris, 
  6. Shurruu Jiloo, 
  7. Madiinaa Hajii Tusaa, 
  8. Saaliyaa Kabiir Huseen, 
  9. Naasir Gannishuu Hajii, 
  10. Arab Gannishuu Hajii, 
  11. Yuusuf Jamaalaa Abdii,   
  12. Muddiin Jamaalaa Abdii kanneen jedhaman irraan reebicha hamaa gahuun hidhanii hiraarsaa jiraachuun ifoomeera.
Exit mobile version