Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti waraanni faashistii PP namoota nagaa qabanii hidhuu itti fufan

ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024 Murni PP diddaa, mormii uummataa dhimma dinagdee ilaalu, siyaasaa fi hawaasummaa hundumaaf bulchiinsa dhugaa ijaaruu dhiisuun, afaan qawween bulchuu qofaaf namoota hirmaannaa siyaasaa kam irraa walaba ta’an guyyuu qabanii hidhaan hiraarsuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Guyyaa kaleessaa jechuun, Waxabajjii 19, 2024 waraanni murna PP godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Burqaa Barakaa jedhamutti sochii taasisuun namoota maqaan isaanii; Jamaal Aammee Abduljabbaaree fi Ayyaantuu Awwal kanneen jedhaman WBO waliin quunnamtii qabdu jechuun qabanii deemuun, gara mana hidhaa aanaa Cawwaaqaatti dabarsanii hiraarsaa akka jiran beekameera.

Akka walii galaatti murni PP uummata Oromoo cabsuuf  humnoota waraanaa fi poolisii bobbaasee hidhuu, saamuu, ajjeesuu fi manneen irratti gubuun hojiilee isaa guyyuu ta’ee akka jirus taateen Oromiyaa keessatti Oromoo irratti ta’aa jiru ni mul’isa.

Exit mobile version