Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee ona Cawwaaqaatti murni bilxiginnaa uummata hidhuu fi dararuu cimsee itti fufe

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2024

Waraanni maafiyaa murna bilxiginnaa uummata Oromoo irratti guyyaa guyyaan dararaa hamaa raawwachaa kan oolu, godina Buunnoo Beddellee ona Cawwaaqaatti hidhaa fi hiraarsaa hamaa uummata irraan geessisaa jiraachuun himame.

Aanicha ganda Shimaltokkee jedhamu keessatti murni PP uummataan “midhaan kiiloo shan-shan fidaa” jechuudhaan dararaa kan jiranii fi nama waan gaaffii itti ta’e gaafatu  ammoo “ati deggeraa WBO’ti” jechuun qabanii hidhaa akka jiran jiraattonni gandichaa himan.

Onuma kanaa ji’a Bitootessaa keessa Buufata Shanaffaa irraa maqaa gibiraa itti dhahuun qarshii 2000-2500 uummatarraa walitti qabuu kan eeran jiraattonni buufatichaa, yeroo ammaa kanas irra deebiin gibira maqaa dhahatanii qarshii 200 uummatarraa saamuun dararaa jiraachuun ibsameera.

Ganda Daabanaa jedhamu keessaa kanaan dura uummata buqqisuun baay’een isaanii akka gara biraatti godaanan gochaa kan turan jabbiloonni maafi’aa PP, mana hawaasaa irra deemuun yakkoota gara jabinaan guutame raawwataa kan jiran yommuu ta’u, “akkuma WBO nyaachistee obaasaa turte, nuuf immoo: nyaata  dhugaatii, Jimaa, tamboo fi  waan feenu hunda nuuf fidi” jechuun nama maqaan isaa ‘Ammaddiin Adam’ jedhamu sababa tokko malee qabuun gaafa Waxabajjii 9, 2024 magaalaa Cawwaaqaatti hidhanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’f himaniiru.

Exit mobile version