Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti ergamtootni Bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu itti fufan

ONM-ABO Hagayya 16, 2024

Murni Bilxiginnaa loltoota isaanii hunda ilmaan Oromoo irratti baay’inaan bobbaasuun garmalee dararaa hamaa ta’ee fi gochoota gara jabinaa garaa garaa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaatti ergamtootni Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun himamee jira.

Aanaa Cawwaaqaa gandoota hunda irratti murni Bilxiginnaa milishoota isaanii bobbaasuun sababa tokko malee kaffaltii maqaan isaa hin beekamnee fi waliin isaa hin himamne, hawaasa waan nyaatee bulu dhabee rakkatutti fiduun humnaan dirqamsiisanii qarshii dhibba shan shan guuraa jiraachuu jiraattonni aanichaa ONM’tti himanii jiru.

Akka jiraattonni kun himanitti, aanichatti murni Bilxiginnaa maqaa gosa kaffaltii adda addaa itti dhahuun saamaa kan jiran kun kan jalqabaa akka hin taanee fi jiraattota aanichaa irratti dararaan waraana faashistii Abiy Ahimediin uummata irratti geggeeffamu garmalee hammaachuu jiraattonni kun itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version