ONM-ABO Waxabajjii 6, 2024
Duula qindaa’aa hidhaa, saamicha gubaatii fi ajjeechaa murni bilxiginnaa maqaa qabeenya hawaasaa qabeenya diinaa jedhuun raawwachaa jiraniin golee Oromiyaa mara keessatti qe’ee uummatatti gadda uwwisuun, namoonni hedduun sadarkaa ofiin of ajjeesuu irra ga’anii jiru.
Godina Buunnoo Beddellee ona Cawwaaqaatti waraanni murna gabroomfataa PP guyyaa dheengaddaa jechuun Waxabajjii 4, 2024 buufata 7’ffaa jedhamu irraa mana namoota maqaan isaanii Hasan Ahimadee fi Jibiril Abbaa Maraa jedhaman jalaa gubuun himameera.
Namoota manneen isaanii jalaa gubate kunneen namoota nagaa hojii qonnaa dalagachuun ofii fi maatii isaanii jiraachifatan malee siyaasa kamuu keessaa quba kan qabnee fi hojii qonnaa isaanii irratti qofa kan xiyyeeffataniidhas jedhan jiraattotni itti dhiheenyan beekan.
Kana malees, buufatuma sana irraa gaafa Waxabajjii 1, 2024 namoota maqaan isaanii, Ahimed Abdallaa, Jamaal Idiris, Umar Aammee, Aadde Sa’adaa fi kanneen biroo hedduun hidhamanii jiraachuu fi onichatti dhiibbaan mirga namoomaa daran hammaachuu jiraattonni gandichaa irra deddeebiin ONM’tti himaa turuun isaanii kan yaadatamuu dha.

