ONM-ABO Waxabajjii 11, 2024
Ona Cawwaaqaa gandoota adda addaatti waraanni murna bilxiginnaa mana maatii qabsaa’otaa fi “hidhata WBO qaba” jechuun shakku hunda gubuu jiraattotni ONM’tti himaa turuun kan yaadatamuudha.
Haaluma kanaan, ganda Buufata 7’ffaa jedhamu keessaa gaafa Waxabajjii 06, 2024 nama maqaan isaa Obbo Abbaas Usmaan jedhamu jalaa mana gubuun akuurii ardaba 9 yoo jalaa saaman, Waxabajjii 7, 2024 immoo namoota maqaan isaanii Ahimed Sheekaa fi Siraajoo Abbaa Huseen jedhaman badii tokko malee mana isaanii meeshaalee manaa hunda waliin jalaa gubaniiru.
Kana malees, waraanni saamtuu impaayera Itoophiyaa, ganda sana irratti saamicha hamaa geggeessuun namoota hidhaatti guuraa jiraachuun ibsameera.
Waxabajjii 6, 2024 gandicha saamichaan kan onsan yoo ta’u, Obbo Ahimad Hasan jalaa akuurii ardaba 21jalaa fudhachuun, Obbo Jibiriil Abbaa Maraa jalaa horii 3 qalatanii nyaatan. Ganduma sanarraa namoota maqaan isaanii Taajuu Culuqqee fi Ammaddiinoo Daawwee jedhaman immoo Waxabajjii 06,2024 badii tokko malee “deggertoota WBO’ti” jechuun qabanii hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

