Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Jimmaa Gannatii keessatti ergamtootni bilxiginnaa uummata hidhuu, saamuu fi dararuu itti fufan

ONM-ABO Waxabajjii 30, 2024

Sirni abbaa irree impaayera Itoophiyaa sirna isaa tikfachuuf sababoota garaa garaa wabeeffatee goleewwan Oromiyaa cufa keessaa uummata Oromoo dinagdeen quucarsuun cinaatti hawaasa nagaa hidhuu, ajjeesuu, manneen jalaa gubuu fi yakkoota gara jabinaa adda addaa irratti raawwachuun hiraarsaa jiru.

Haaluma kanaan, waraanni bilxiginnaa uummata Oromoo saamuuf duubatti hin jenne ona Jimmaa Gannatii ganda Lalistuu Qidaamee jedhamutti barattoota kutaa shanii ol baratan hunda irraa sababoota hin beekamneen qarshii dhibba dhibba walitti qabuun gara Baankii Siinqeetti akka galchan gochuun saamicha raawwachaa kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa himan.

Sababni maallaqni kun barattoota irraa funaanamuuf kan hin beekamne ta’uu isaa hubachuun, barsiisaan maqaan isaa Kafanee Dabalaa jedhamu maallaqni barattoota irraa funaaname kun akka deebi’uuf hoggaa gaafatu, sababuma gaaffii kana gaafateef qofa murni bilxiginnaa Waxabajjii 23, 2024 barsiisaa kana ukkaamsuun qabanii mana hidhaa onichaatti darbachuu maddeen keenya eeran.

Kana malees, guyyuma kana Waxabajjii 23, 2024 namootni maqaan isaanii Dombee Taammiruu fi Tigoo Taammiruu jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf qabamuun waajjira poolisii ona Jimmaa Gannatii keessatti hidhamanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun ifoomsanii jiru.

Exit mobile version