ONM-ABO Hagayya 12, 2024
Ga’umsaa fi dandeettii waraanummaa akkasumas loluuf haamilee waraanaa kan hin qabne loltoonni faashistii Abiy Ahimed Uummata Oromoo saamuu, hidhuu kana malees, gochoota gara jabinaa garaa garaa hawaasa nagaa irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa gandoota adda addaa keessatti waraanni goolessaan PP hawaasa nagaa saamuu fi hidhuu cimsee itti fufee jira.
Aanicha keessatti gandoota kanneen akka Ushaanee Gootee, Meexxii Abbayyii fi Gibee Boosoo keessatti ”Mana Murtii Aadaa isiniif ijaarra” jechuun hawaasa irraa qarshii 300-500 dirqamaan guuraa kan jiran yoo ta’u, namni kaffaluu hin dandeenye hidhaatti guuramaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees, ganda Gibee Boosootti halkan mana irra deemanii hawaasa walitti guuranii bakka tokko bulchuun ganama ka’anii humnaan biqiltuu dhaabsifachaa kan jiran yoo ta’u, namoota hin dhaabnu hojii dhuunfaa keenya hojjetanna jedhanii baqatan qabanii hidhuun qarshii dhibba lama lama adabanii gadi lakkisaa jirus jedhan.
Hagayya 7, 2024 namoota hidhamanii qarshii adabamanii gadi lakkifaman keessaa muraasni:
- Jabal Abbaa Tamaam,
- Biyyaa Abbaa Tamaam,
- Ahimed Kamaal,
- Habiib Abbaa Jihaad fi
- Tabsiib Abbaa Biyyaa kan jedhaman ta’uu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

