Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannaatii keessatti waraanni faashistiin Bilxigginna uummata nagaa irratti reebichaa fi saamicha raawwachaa turuun ifoome 

ONM-ABO Muddee 5, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannaatii gandoota baadiyyaa adda addaa keessatti waraanni maafiyaan Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa ofii malee aantummaa sabaa hin qabne reebichaa fi saamicha uummata irratti raawwachaa turuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Haaluma kanaan gandoota aanichaa kanneen akka Guddattuu Gannatii fi Guddattuu Jimmaa baadiyyaa keessa deemuun qonnaan bultootaa fi maatii isaanii irratti reebichaa fi dararaa raawwachaa turaniiru. 

Kana malees barattoota ganamaan gara mana barnootaa deemaa turanis daandii irratti eeganii qabuun bilbiloota harkaa erga saamanii booda, bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo jiru nutti himaa jechuun dhimma barattoota hin ilaallanneen daandiin irratti rakkisaa turuu jiraattonni dabaluun addeessaniiru. 

Sodaa lubbuu isaaniif jecha kanneen Waraana Bilisummaa Oromoo arganis ta’e hin argine wayita gaafatamanii deebisanitti kanneen hin argine jedhan garaan lafarra ciibsanii reebicha cimaa irratti raawwachaa turuun ifoomeera. 

Dabalataanis bilbila barattootaa cufa harkaa saamuun kan fudhatan yoo ta’u, barattoonni mana barnootaa keessatti bilbilaan hojii barnootaa gargaaraman rakkoof saaxilamanii jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version