Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raareetti hidhaa fi saamichi jabaachuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Hagayya 9, 2024

Bilxiginnaan imphaayera Itiyoophiyaa keessatti osoo uummanni Oromoo imimmaan roobsuun, guyyuu iyyee watwaatuu gidiraa ulfaataa irratti geggeessuun namnuu gidirfamee akka jiraatu taasisaa jira.

Waraanni gabroomfataan PP gara jabina gochuun Oromiyaa kutaalee adda addaatti yeroodhaa yerootti miidhaa qaqqabsiisaa kan jiran yoo ta’u, gandoota baadiyyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raareetti maatii qabsaa’otaa fi dargaggoota irratti maqaa sakattaa WBO’n bobbaa’anii uummata nagaa qabuun bulchiinsa aanaatti jumlaan hidhanii hiraarsaa akka jiran beekameera.

Keessattuu torban kana keessa namoonni danuun onichatti hidhamanii jiraachuun kan dubbatamu yoo ta’u, gabaasa godinaaf dhiyeessuuf jecha WBO qabannne jedhanii namoota nagaa guuruun cinatti qabeenya hawaasaa midhaan, maallaqaa fi kanneen biroo harkaa guuraa akka jiranis ni himama.

Kana malees garee finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo humnoonni abbaa irree kunneen qindeessuun miidhaa jabaa ajjeechaa fi saamicha loonii raawwachaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version