ONM-ABO Amajjii 22, 2025
Ilmaan Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti baroota dhufaa darbaan saboota kan biroo irraa addatti xiyyeefatamuun biyya abbaa isaa irratti guyyuun akka bineensaatti adamfamuun hidhaatti guuramaa jira.
Aanaa Jimmaa Raaree ganda Ifa Biyyaa fi magaalaa Gooban keessaa Amajjii 12, 2025 Lukkeeleen Bilxiginnaa namoota maqaan isaa:
- Amansiisaa Asaffaa fi
- Dajanee Gaaddisaa jedhaman
ukkaamsanii hidhaatti darbachuun, yeroo ammaa kanas “qarshii 500,000-500,000 yoo kaffaltan malee hin baatan” jechuun dararaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni kunneen deggertoota siyaasa paartii kamiiyyuu kan hin taanee fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun biyya abbaa isaanii irratti mirgi lubbuun jiraachuu irraa mulqamuun hiraarfamaa jiraachuunis dabalataan ibsameera.

