• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raareetti ergamtoonni Abiy Ahimed jiraattota hidhanii maallaqa guddaa gaafachuu hammeessan

Jan 25, 2025

ONM-ABO Amajjii 22, 2025 

Ilmaan Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti baroota dhufaa darbaan saboota kan biroo irraa addatti xiyyeefatamuun biyya abbaa isaa irratti guyyuun akka bineensaatti adamfamuun hidhaatti guuramaa jira.

Aanaa Jimmaa Raaree ganda Ifa Biyyaa fi magaalaa Gooban keessaa Amajjii 12, 2025 Lukkeeleen Bilxiginnaa namoota maqaan isaa:

  1. Amansiisaa Asaffaa fi 
  2. Dajanee Gaaddisaa jedhaman 

ukkaamsanii hidhaatti darbachuun, yeroo ammaa kanas “qarshii 500,000-500,000 yoo kaffaltan malee hin baatan” jechuun dararaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni kunneen deggertoota siyaasa paartii kamiiyyuu kan hin taanee fi sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun biyya abbaa isaanii irratti mirgi lubbuun jiraachuu irraa mulqamuun hiraarfamaa jiraachuunis dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading