ONM-ABO Hagayya 11, 2024
Waraanni koloneel Abiy Ahimed uummata Oromoo lafa irraa akka dhabamsiisaniif Oromiyaatti bobbaasee jiru miidhaa ulfaataa geggeessaa jiraachuun ni beekama.
Akkuma kanaan dura gabaasaa turre miidhaa gurguddaa waraaanni faashistii PP Oromoo irratti raawwachaa jiru daangaa darbee kan jiru ogguu ta’u, jiraattota godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ganda Guddattuu-Gannatii, Guddattuu Jimmaa Kalallaa, Diddimtuu fi Giddamii Dabshoo keessa jiraatan maqaa isin maatii qabsaa’otaati jedhuu fi hariiroo WBO qabdu jedhuun waraanni itti bobba’aa jiru miidhaa guddaa irratti raawwachaa jira.
Namoonni hirmaannaa siyaasaa irraa walaba ta’an sobaan yakkamanii qe’ee isaanii irraa qabamuun, baatiilee dheeraaf hidhamaa kan jiran yoo ta’u, manneen hidhaa keessaa walakeessa halkanii baafamuun ajjeefamaa kan jiran danuu akka ta’anis beekameera.
Kana malees waraanni gandoota baadiyyaatti maqaa sakattaa WBO’n bobbaafaman saamicha ulfaataa loon, harree, farda, Re’ee, hoolaa fi kanneen biroo ooffachuun gara magaalaa aanaatti guuraa akka jiran jiraattonni ifoomsaniiru.

