ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2023
Uummata qaalayiinsi jireenyaa mataa irra ba’uun qabsoo jireenyaa hadhooftuu geggeessaa jiru maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggartuun hawaasa nagaa hojii qonnaa isaa geggeeffachuun akkasuma jiruu dhuunfaa isaa irratti bobba’ee jiraatu irratti gocha hawaasa hin ibsineen waan gadhee fi uummaticha jiruu gadadoof isaan saaxilu gochuun egereen biyyatti kan nama yaaddessu ta’uu asumarraa tilmaamuun nama hin dhibus jedhu.
Gubaatiin manneen namoota nagaa irratti raawwatamu kun uummata Oromoof isa baratamaa yoo ta’u illee Arsii bahaa aanaa Sirkaa gandoota akka Soolee Nageellee fi garee Digaluu Hanshaa keessatti gubaatiin manneen namootaa mi’a mana keessaa dabalatee raawwatameera.
Haaluma kanaan namoonni manneen isaanii mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubachuun barbadaa’e kunneen Abuunee 1ffaa keessaa Umar hasee, Waashoo Rabbitee, Zaaraa Muhammad, Abdul karim Unsa jalaa mana lama Abdurqaadir Abdoo, Kadir Amaanoo jalaa mana sadi, Indiris Abdaa mana lama, Saaxinoo Abdaa, Abaatee Indiris Hullee Huseen mana lama, Abdulsalaam Huseen, muhaammad Nagaashii, Sulxaan Huseen, Amiin Umar, Useen Usmaa’il, yoo ta’an, Roobee keessaa ammoo Muhammad Amiin Elemoo, Jibriil Waashoo mana lama, Musxafaa Jaarsoo, Abuunaa Jaarsoo, Bunoo Qaasim, Abdallaa Abdoo, Sulxi Tusee, Turii Hajjii, Maammiyyoo Janjaa, Huseen Waaree, Xajjituu Waaqayyoo, Daawud Hajii Bariisoo, Musxafaa Hamdaa, husuu Qaasoo, Bashir Tusee, Huseen Kaduu, Kamaal Huseen, Baataa Hirkisoo, Umar Kadir, Fattaashuu Aashaa fi Hajjii Dhadachaa kanneen jedhaman jalaa manneen qonnaan bultoota kanaa haala nama gaddisiisuun jalaa gubanii barbaadeessuu ragaan jiraattota achii irra argamee ni mul’isa.
Uummanni gandoota kanneenis rakkoo hamtuu keessatti kan argaman yoo ta’u yeroo ammaas bakka bultii fi wantoota jiraachuu namaaf barbaachisan dhabuun jiruu gadadoof saaxilamanii jiraachuu jiraattonni dubbatu.

