ONM-ABO Sadaasa 17, 2024
Impaayera Itiyoophiyaa keessatti uummanni Oromoo bifa adda ta’een erga koloneel Abiy Ahimed teessoo impaayerattii qabatee kaasee Oromoo ta’uu qofti yakka ta’uun yakkoonni waraanaa seera waraanummaa hin ibsine irratti raawwachuun hawaasa goolaa jira.
Murni dinagdee Oromoon ijaara jedhu faallaa isaa Sadaasa 14, 2024 aanaa Sirkaa ganda Heellaa Gaallabee jedhamu keessatti manneen hawaasaa jumlaan gubaa fi beelladoota hedduu qalachuun jireenya hawaasaa barbadeessaa ture.
Namoota miidhaan kun irra ga’e keessaa muraasni:
- Diinuu Amaan
- Shunaa Amad
- Jamaal Haaji Abdurroo fi
- Amaad Jamaal yoo ta’an,
- Sallii Rashaad nama jedhamu jalaa ammoo sangaa tokko iddoo bobbaa looniitii qabachuun qalatanii nyaachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

