ONM-ABO Fulbaana 12, 2024
Qe’ee uummata nagaa guyyaa guyyaan akka qoraanii bobeessaa kan oolan loltoonni Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman namoota nagaa qabeenya mana keessaa tokkollee osoo hin hambisin waliin gubanii daaraa gochuun hawaasa nagaa bakkeetti hambisaa jiru.
Qorannoon seeraa tokkollee osoo irratti hin geggeeffamin murna bilxiginnaa jalatti har’a uummanni Oromoo rakkoo hamaa argaa kan jiru yoo ta’u, namoonni hedduunis mana isaaniin ala ta’uun jiruu kadhaa fi harka namaa ilaaluuf dirqamanii jiru.
Haaluma kanaan godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa ganda Gujichaa jedhamu keessatti Fulbaana 9, 2024 nama nagaa Obbo Kadir Maloo jedhamu jalaa qabeenyaa mana keessaa waliin mana isaa jalaa gubanii barbaadeessuu jiraattonni himan.
Akka jiraattonni jedhanitti namni kun nama nagaa hojii siyaasaa keessatti qooda hin qabnee fi hojii qonnaan ofii fi maatii isaa kan jiraachisuudha jechuun ONM’tti himanii jiru.

