Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti hidhaa, saamicha, reebichaa fi ajjeechaan namoota nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 22, 2024 

Gareen faashistii PP rakkoo sabaa karaa nagaa fi dantaa uummataa eegeen hundeerraa furuu irra humna waraanaa filachuun hawaasa nagaa boqonnaa dheebotee halkanii guyyaa birrachaa jiraatu irratti waraana humnaa olii leenjisuun gochoota haamilee isaa cabsanii fi mogolee buusan akkasumas abdii kutachiisan irratti dalagaa jira.

Sadaasa 20, 2024 aanaa Muneessaa gandoota aanichaa keessatti murni garboomsaan sirnichaa waraana humnaa olii qe’ee hawaasichaa keessa bobbaasuun saamuu, hidhuu, qawwee irratti dhukaasuun manaa ari’uun gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa jiraachuu jiraattonni ONM dubbise dubbatu. 

Akka jiraattonni kunneen dubbatanitti ganda Gujichaa keessaa namoota maqaan isaanii Obbo Fattoo Waayyuu, Tashitee Haarisiisoo ganda Qoomaa Oochaa irraa Obbo Huseen Roobaa kanneen jedhaman ilmaan keessantu miseensa WBO’ti galchaa yoo hin galchitan ta’e isin ajjeefna jechuun mana hidhaatti halkan guyyaa reebicha hamaa irratti raawwachaa jiraachuu dubbatu. 

Akkasumas nama tokko kan ammaaf maqaan isaa adda hin baane daldalaa loonii kan ta’e tokko karaa irratti osoo inni horii oofee deemaa jiruu rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni ijaan argan kunneen himuun, maqaa deggartoota WBO fi ilmaan keessantu keessa jira jedhuun namoota danuu jalaa qabeenya isaanii manneen isaanii cabsanii itti seenuun jalaa saamuu fi mi’oota mana keessa jiru jalaa caccabsanii seenuun harka duwwaatti hambisanii jiraachuus dabaluun dubbataniiru.

Exit mobile version