Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti dargaggoota lama mana hidhaa keessaa baasuun waraanni Bilxigginnaa ajjeesuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Sadaasa 19, 2024 

Waraanni Bilxiginnaa hawaasa nagaa rasaasa irratti dhukaasuun ajjeesuu, hidhuu fi qabeenyaa saamuun jireenya dhorkanii qe’ee Oromoo ulfoo salphisanii  mana duwwaatti hambisuun haadha hiyyeessaa boochisaa kan jiru yoo ta’u,  aanaa Muneessaa ganda Arooressaa Qalboo  keessatti dargaggoota maqaan isaanii Diittaa Aabbuulee fi Qubsaa Nuuraa jedhaman tarkaanfii WBO’n magaalaa Hoo’ituu irratti fudhate isintu qindeesse jechuun mooraa magaalaa Hoo’itu keessatti hidhanii hiraarsaa turan.

Dargaggoota kanneen badii isaanii malee erga hidhanii dararaa turaniin booda Sadaasa 17, 2024 mana hidhaatii baasanii rasaasa itti roobsuun erga ajjeesanii booda daandii gubbaatti gatuun akka hawaasni reeffa isaaniis hin kaafne dhorkaa turan jedhu jiraattonni naannichaa.

Qeerroowwan kunneen lamaan namoota hawaasa keessatti kabajaa fi jaalala qaban, kan haadhaa fi abbaan isaanii irratti boqotan, uummanni gandichaa ijoollee iddoo guddaa geessu jedhanii eebbisaa turan yoo ta’an, karaa irratti kufanii hafuu isaaniitti jiraattotni miira gaddaa keessa seenanii jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Yeroo itti bilxiginnaan aanaa Muneessaa kana keessatti ol adeemtota rasaasaan badii isaanii malee ajjeesu kanatti gocha isaa dhokfatee, aanichuma keessatti ijoollee keessan galchaa, nagaa barbaanna, kottaa galaa jechuun hawaasa dirqiin baasee diraamaa hojjechaa turuun ni yaadatama.

Exit mobile version