Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa keessatti maanguddoo tokko naasuu loltoota PP’n ajjeefamte

ONM-ABO Sadaasa 8, 2024 

Guyyaan isaa Sadaasa 6, 2024 ture godina Arsii Bahaa aanaa Muneessaa keessatti Aadde Fayyinnee Ganamoo kan jedhamtu jiraattuu ganda Gujichaa kan taate irratti gochi miira namaatti bu’u loltoota murna PP’n irratti raawwatame.

Taateen kunis akkas ture guyyaa gaafa sanaa Aadde Fayyinee Ganamoo fi abbaan warraa isaanii Obbo Gurmuu Yaaddessaa walii wajjin lafa hojii isaanii ooluu jiraattonni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise ONM’tti himan.

Isaanis akkuma hawaasa kamiittuu guyyaa dalagachaa oolanii halkan yeroo sa’atiin hirribaa ga’utti ifa isaanii mana keessaa dhaamsanii rafuu himu.

Ijoollee dargaggoota maatii kanaa loltoonni gara-jabeeyyiin sirnichaa kanaan dura adamsaa akka turanii fi yeroo baay’ee ijoolleen isaanii kun harkaa baqatanii akka badan Aadde Fayyineen ijaan argaa akka turte dubbatu.

Guyyaa gaafa du’a ishee kanas loltootni hawaasaaf gadda uumuu malee gaaddisa ta’uu hin amaleeffanne kunneen halkan walakkaa erga isaan rafanii booda balbala maatii kanaa caccabsanii yeroo itti seenanitti Aadde Fayyineen hirriba keessa waan turteef wayyoo maatii koo jechuun yeroo sanatti sagalee iyyaa dhageessisaa turuu jiraattotni ollaa taatee kana arganii fi dhaga’an dubbatu. 

Isheenis miira naasuu guddaa keessa waan galtee turteef yeroo tokkicha qofa wayyoo ijoollee koo fixan qofa jettee irra deebitee dubbachuu dadhabuun bariituu isaa sa’a lama irratti lubbuun ishee darbuu jiraattonni  ollaa itti dabaluun miira gaddaan ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version