Waraanni ergamtoota sirna Nafxanyaa fi tiksitoota Impaayera Itoopiyaa qeerroowwan sadii ajjeesuun tokko irra qaama saalaa yoo muran dubartii tokkos madeessan.
ONM-ABO Sadaasa 18, 2022 Humni faashistii fi ergamtootni koloneel Abiy Ahimed diinummaa icciitawaa ilmaan Oromoof qaban ifa baasu kan eegalan bubbuleera.
Waggoota dheeraa dura dubartii Oromoo irraa harmi muramuu fi dhiira Oromoo irraa qaamni saalaa muramee ajjeefamaa turuu kan seenaan dhalootni kun arge irra deebiin arguu kan eegalle sirna kana keessatti.
Faashistoonni kunis haleellaa waraana Bilisummaa Oromootiin kufaatii isaan irra ga’eef haaloo ba’iinsa uummata nagaa irratti raawwachuun amaleeffannaa isaaniiti.
Haalo ba’iinsa kanaan uummata walitti qabame yoo arganii fi magaalaa keessa yoo ta’e dirooniin rukutu, lafa kanaaf hin mijanne yoo ta’e mana mana irra deemuun ajjeecha suukaneessa raawwachaa jiru.
Guyyoota arfaniif Lixa Shaggar aanaa Amboo gandoota Xulee, Dikii fi Qulliit Birbirsaatti lola faashistoonni PP waraana Bilisummaa Oromoo waliin godhaniin kasaara jabaa aguuggachuuf dirqamanii waan turaniif aarii kanaan haaloo bahinsa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan Sadaasa 15, 2022 ganda Xuleetti dargaggoo lama rasaasa itti roobsuun ajjeesan.
Dargaggoonni kunniin Araarsaa Lammaa fi Abbushee Qasaa kan jedhaman yoo ta’an dargaggoota ganna 24ti.
Dargaggoota kana qabanii reeba of faana oofuun ganda Dikii lafa lolli ta’e Ulaa Kurupheetti ajjeesanii gatan.
Maatii dargaggoota kanaaf birmachuu fi reeffa kaasuuf dhaqanis walitti qabanii ganda Dikiitti hidhanii jiru.
Kana malees Sadaasa 16, 2022 ganda Dikii bakka addaa Dikii Qalloo jedhamutti dubartii Shiibirree Ayyalaa jedhamtu mana ishee keessatti rasaasaan jilba gubbaa rukutuun du’aa fi jireenya gidduu jirti.
Aaddee Shiibirree Ayyalaa haadha ijoollee 7 yoo taatu manni yaala gandoota baadiyaa keessa waan hin jirreef akkasumas magaalaa Amboo dhaqanii yaalamuuf sodaa nageenya waan qabaniif yaala tokko malee mana isaanii keessatti rakkachaa jiru.
Sadaasa 13,2022 sa’a booda dargaggoo Sintaayyoo Nagaraa rasaasaan harka isaa keessa rukutuun erga qabanii gochaa hammeenya qaama isaa irratti raawwatan.
Qaama saalaa isaa erga muranii qaama isaa hundaa cubeen uranii qalanii gatan.
Reenfi nama kanaa bosona keessa bilee sadaasa 14 galgala uummatni dhokatee erga kaase firri osoo hin dhufin bakka awwalchaallee hanqisanii halkaniin namoota muraasaan awwaallachuu maatiin Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoon kun nama hariiroo siyaasa tokkoyyuu hin qabne, maatii fi ollaa isaa keessatti amala qabeessaa akkasumas nama safeeffataa ta’uu maatiin ragaa bahu.
Kana malees faashistoonni kunniin manneen qotee bulaa Oromoo irra deemuun balbala cabsanii saamicha raawwachaa jiru.
Namootni nagaan hedduuminaan qabamee waan hidbamee jiruuf fayyaatu galaa fi du’aatu galaa uummatni yaaddoo cimaa keessa jira.
Sodaa nageenyaatiif midhaan sassaabachuu akka hin dandeenyes jiraattootni himuun roorroo nu irra ga’aa jiruuf nama nuuf birmatu dhabne jechuun jiraattonni ganda sadanii yaada isaanii dabaluun ibsaniiru.

