Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni mootummaa garboomfataa PP nama tokko ajjeesuun tokko madeessan

ONM-ABO Muddee 21, 2024 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni mootummaa gabroomfataa PP qonnaan bulaa tokko haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu fi dubartii tokko immoo rasaasaan dhahanii madeessuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Ganda Haroo Aagaa jedhamu keessaa qotee bulaa Oromoo tokko nama maqaan isaa Obbo Dassaalee Alamuu jedhamu badii tokko malee Muddee 19, 2024 mana isaatii gadi baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatan.

Qonnaan bulaan kun jiraataa aanaa Jaardagaa Jaartee ganda Diimaa Jokkee bakka addaa Funyaan Bokkuu yoo ta’u, aanaa Horroo Bulluq magaalaa Saqalaatii fira dubbisee osoo galaa jiruu ganda Haroo Aagaa bakka adda Haroo Dagaagoo jedhamutti loltoonni faashistii bilxiginnaa ”ati fuula haaraadha; odeessa WBO’f funaanta” jechuun ajjeesuun daandii gubbaatti gatanii yeroo gabaasni kun qindaa’etti reeffi isaa daandii irra turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Loltoonni naamusa waraanummaa hin qabne dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne hawaasa hunda dararuu aadeffatan kunneen Muddee 17, 2024 ganda Dachaa Caabir jedhamu irraa dubartii maqaan ishee Dirribee Baashaa jedhamtu badii tokko malee sababa Oromummaa ishee qofaaf rasaasaan cinaacha ishee irra rukkutuun yeroo ammaa kana magaalaa Shaambuutti yaalamaa kan jirtuu fi du’aa fi jireenya ishee illee baruun kan nama rakkisu ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version