ONM-ABO Sadaasa 13, 2024
Bara itti Oromoo ta’uu qofti yakka ta’e keessatti loltoonni murna bilxiginnaa namoota nagaa yakka hin qabne Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hidhaa kaasee hanga ajjeechaatti irratti raawwachuu jabeessanii jiru.
Aanaa Horroo Bulluq ganda Haroo Aagaa irraa Sadaasa 11, 2024 waraanni bilxiginnaa qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Kabaa Baatirii,
- Dastaa Guddataa,
- Abdiisaa Namee,
- Magarsaa Baayisaa,
- Gaaromaa Hirphaa,
- Tasfaayee Dhinsaa,
- Tasfaayee Dabalaa,
- Gonfaa Hordofaa,
- Addunyaa Nagaasaa fi
- Badhaasaa Raggaasaa kanneen jedhaman badii tokko malee hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.
Akka jiraattonni gandoota kanneenii jedhanitti namoonni kunneen namoota nagaa jiruu idilee isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun jiraatan ta’uu himuun, kaayyoon loltoota sirnichaas maqaa qabata WBO jedhu dahoo godhachuun hawaasa gidirsuuf karoorfatanii jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

