ONM-ABO Sadaasa 18, 2024
Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkee ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenya isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni Bilxiginnaa goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira.
Aanaa Amuuruu gandoota hunda irraa loltoonni PP hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufuun, maatii qabsaa’otaa kanneen ta’an namoota 80 ol hidhuun, kanneen biroo baay’inaan 50 ol ta’an immoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii ji’oota torbaa oliif hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Kana malees, Sadaasa 15, 2024 aanaadhuma kana ganda Wallaggee jedhamu irraa namoota maqaan isaanii:
- Daawwit Faqqadaa,
- Abbabaa Dachaasaa,
- Baqqalaa Mul’ataa,
- Mulee Qoxoo fi
- Dassaalee Gannatii kanneen jedhaman dirqamaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti geessuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Dabalataan, aanaadhuma kana ganda Waraabee jedhamu irraa ammoo namoota maqaan isaanii:
- Tasfaayee Bayyanaa,
- Silashii Mokonnon,
- Tamee Bayyanaa
- Tamee Faranjii jedhamanii fi kanneen biroo hedduu ukkaamsuun hidhaatti darbatanii leenjii waraanaa akka deeman dirqamsiisaa jiraachuun ibsameera.

