ONM-ABO Onkoloolessa 1, 2024
Akka guutuu Oromiyaatti loltoonni bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti bananiin Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu, saamuu, mana irratti gubuu fi yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne irratti raawwachaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni PP qabeenya hawaasaa saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Fulbaana 28, 2024 aanaa Horroo Bulluq ganda Haroo Aagaa jedhamutti waraanni bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Tasfaayee Rabbirraa jedhamu osoo inni horii isaa ooffatee gara manaatti galaa jiruu “horii WBO ooftee deemta” jechuun horii kudhan jalaa fudhachuun, afur battaluma sanatti qalatanii yoo nyaatan kanneen hafan 6 immoo ooffatanii waajjira poolisii magaalaa Saqalaatti argamutti galfatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.
Akka jiraattotni himanitti, Tasfaayee namni jedhamu kun yeroo darbe maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii waggaa 1f ji’a 6 hidhanii dararaa turuu fi aanicha keessatti rakkoowwan ulfaataa ta’an ilmaan Oromoo irratti qaqqabaa jiraachuun dubbatu.

