Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuuruutti loltoonni faashistii PP ajjeechaa suukkanneessaa dargaggoota irratti yoo raawwatan, Aanaa Horroo Bulluqitti ammoo saamicha, hidhaa fi reebicha cimaa raawwachuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Sadaasa 24, 2024 

Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti duulli Oromiyaa fi Oromummaa dhabamsiisuu gar-malee jabaatee itti fufuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuuruutti loltoonni PP ajjeechaa suukkanneessaa dargaggoota irratti raawwatanii jiraachuun himamee jira.

Sadaasa 17, 2024 aanaa Amuuruu ganda Goobuu jedhamu irraa waraanni Bilxiginnaa dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Mootii Girmaa,
  2. Gaddafaa Mokonnonii fi 
  3. Soorii Yaadataa jedhaman badii tokko malee haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen hojii dhuunfaa isaanii qofa hojjetanii kan bulanii fi siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, waraanni sirnichaa ammoo sababa tokko malee halkan bakka isaan rafaa jiranitti itti seenuun cuupheedhaan morma muranii ajjeesuu dubbatu.

Oduu biraatiin ammoo murni dheebuu aangoo qabu bilxiginnaan umurii isaa dheereffachuuf jecha waraana isaa amala gadhummaa qaban uummata nagaatti bobbaasuun hawaasa ba’uu fi galuu dhorkachuu itti fufuun Sadaasa 20, 2024 aanaa Horroo Bulluq ganda Dachaa Caabir keessaa waraanni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:

  1. Soorii Gissaa jalaa horii 30,
  2. Iddoosaa Furii jalaa horii 16 akkasumas, 
  3. Di’aa Galaalchaa jalaa horii 15 saamuun gara waajjira poolisii magaalaa Saqalaatti geeffatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, jiraattonni kunneen siyaasa kam waliin walitti dhufeenya tokkollee kan hin qabne ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “isin miseensa WBO’ti” jedhuun dararaa ulfaataa irraan gahanii jiraachuu ibsaniiru.

Exit mobile version