ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024
Mootummaan garboomfataa PP loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun ilmaan Oromoo ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qe’eef qabeenyaa irraa buqqisuu cimsee itti fufee jira.
Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruutti loltoonni bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuun gabaafame.
Aanaa Abaaboo Guduruu bakka addaa Qaawoo jedhamutti Onkoloolessa 15, 2024 qonnaan bulaa maqaan isaa Garramaa Mootummaa jedhamu “ilma keetu bosona jira” jechuun badii tokko malee rasaasa itti roobsanii haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, qonnaan bulaan kun hirmaannaa siyaasaa keessaa kan hin qabnee fi hojii dhuunfaa isaa hojjetee kan jiraatu yoo ta’u, ergamtoonni sirnichaa immoo badii tokko malee ajjeesanii gatuu dabaluun himan.

