Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruutti ergamtoonni sirnichaa nama nagaa tokko ajjeessuun himame

ONM-ABO Sadaasa 27, 2024 

Dhiiga ilmaan Oromoo akka bishaaniitti lolaasuu kan aadeffate waraanni Bilxiginnaa duula duguuggaa sanyii isaanii ittuma caalchisuun, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruutti nama nagaa tokko ajjeesanii gatuun himamee jira.

Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Andoodee bakka addaa Tabbattii jedhamu keessaa loltoonni Koloneel Abiy Ahimed Sadaasa 17, 2024 nama maqaan isaa Tamasgeen Abdiisaa jedhamu badii tokko malee haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun sababa tokko malee mana hidhaa Quubsaa Qidaamee jedhamutti hidhamee dararamaa turuu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo murtii seeraa tokko malee mana hidhaatii baasuun ajjeesanii gatuu dubbatu.

Exit mobile version