Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuuruutti loltoonni Abiy Ahimed osoo gara Faannootti badaa jiranii hawaasa nagaa irratti ajjeechaa fi saamicha raawwatan

ONM-ABO Adoolessa 27, 2024

Murnoonni bilxiginnaa ilmaan Oromoo sobuun qawwee hiikkachiisaa ilmaan alagaatti immoo hidhannoo jabeessuun finxaaleeyyii Amaaraaf haala mijeessanii kutaalee Oromiyaa cufa keessatti ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii labsuun uummata akka baalaatti harcaasaa jiru.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuuruutti loltoonni Abiy Ahimed mooraa sirnichaa keessaa osoo gara Faannootti badaa jiranii hawaasa nagaa irratti ajjeechaa fi saamicha raawwachuun ibsameera.  

Adoolessa 24, 2024 aanaa Amuuruutti nama maqaan isaa Obbo Asiraat Fayisaa jedhamu jiraataa ganda Qilxuu Xuuquu kan ta’e bakka addaa Laga Bofaa jedhamutti akka horiitti haala suukkaneessaa ta’een  qalanii ajjeesuun saawwan isaa 30 ol kan ta’an jalaa  ooffatanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Aanicha keessaa finxaaleeyyiin Amaaraa namoota kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqisuun ilmaan Oromoo baay’eetti jireenyi golgolaa’ee jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version