ONM-ABO Sadaasa 26, 2024
Koloneel Abiy Ahimed dinagdeen impaayera Itiyoophiyaa harkatti maseenuu hoggaa hubatu of tumsuuf jecha ergamtoota isaa walitti qabee gorsuun uummata Oromootti bobbaasee saamicha ulfaataan qe’ee fi qabeenya hawaasa nagaa golgoleessaa karaa biraan ammoo maqaa ilmaan keessantu WBO keessa jiraa fi ni deggartu jedhuun namoota nagaa hidhuun mana hiraarsaa keessatti dararuu jabeessanii jiru.
Sadaasa 21, 2024 aanaa Horroo Bulluq ganda Abbillee Igguu jedhamu keessaa ergamtoonni sirnichaa qonnaan bulaa maqaan isaa Fantaa Namee jedhamu jalaa loon 8 saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni naannichaa himanitti, namni kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, badii tokko malee yeroo dheeraaf haadha warraa isaa Aadde Yashii Botee waliin maqaa “mucaan keessan WBO’dha” jedhuun hidhamuu dubbatan.
Oduu hidhaa biroon godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Ashii irraa Sadaasa 24, 2024 lukkeeleen Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii Obbo Qannaa Ida’aa haadha warraa isaanii fi mucaa isaanii Almaaz Qannaa jedhamtu kan bultoo qabdu akkasumas, kanneen biroo maqaan hin eeramne hedduu badii tokko malee qe’ee isaaniitii butuun waajjira poolisii magaalichaatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Maatiin kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu maddeen himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa ijoollee keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun yakkanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu fi tibba kana akkuma guutuu Oromiyaatti murni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa irratti xiyyeeffachuun miseensota maatii isaanii hunda hanga akaakayyuutti lakkaa’uun hidhuu fi ajjeesuu karoorfatanii jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.

