Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee adda addaa keessatti gubaatiin manneenii, hidhaa fi saamichi loltoota sirnichaan raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 21, 2024 

Ergamtoonni Bilxiginnaa kanneen fedhii dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf maggalan aanaa Horroo Bulluq ganda Dachaa Caabir jedhamu irraa Sadaasa 14, 2024 nama maqaan isaa Obbo Waamii Bulbulaa jedhamu jalaa badii tokko malee “ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun mana isaa meeshaalee inni mana keessaa qabu hunda waliin gubuun barbadeessanii deemuu fi nama Obbo Darajjee Doobootii jedhamu jalaa immoo qabeenya mana keessaa, bilbilootaa fi qarshii hedduu saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanichatti dararaan qaamolee mootummaa garboomfataa impaayerattiin hawaasa nagaa meesha maleessa irratti geggeeffamu jabaatee itti fufuun, ganda Rifeentii Caabir jedhamu keessaas nama maqaan isaa Obbo Raggaasaa Soorii jedhamu jalaa sangoota cimdii 2 jalaa fudhatanii qalachuu jiraattonni kunneen itti dabaluun ibsanii jiru.

Kana malees godinichuma aanaa Jimmaa Raaree ganda Sochoosaa Gammachiisaa jedhamu keessaa Sadaasa 18, 2024 nama maqaan isaa Lammeessaa Gaaddisaa jedhamuun miseensa Qeerroo Bilisummaa Oromooti jechuun ergamtoonni sirnichaa haadha warraa isaa ijoollee ishee 4 waliin hidhaatti darbachuun, qotiyyoo lamas jalaa saamanii deemuu jiraattonni gandichaa himan.

Ganduma kana keessaa torban darbe keessa ijoollee keessantu bosona jiru jechuun Obbo Duulaa Oliiqsaa fi Taarikuu Garramuu kanneen jedhaman badii tokko malee qabanii waajjira Poolisii aanaa Jimmaa Raareetti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Exit mobile version