ONM-ABO Sadaasa 12, 2024
Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkee ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenya isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaan impaayerattii ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun maqaa WBO deggartu jedhuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira.
Aanaa Jaardaagaa Jaartee ganda Jaarroo Siree jedhamu irraa Sadaasa 6, 2024 waraanni nama nyaataan bilxiginnaa qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Kiisii Ittaanaa jedhamu jalaa mana 2 fi kan haadha isaas mana 2 meeshaalee manaa hunda waliin jalaa gubuun barbadeessuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti, torban darbe keessa akka gandichaatti Sadaasa 5, 2024 hanga 6,2024 gidduutti manneen 10 ol loltoonni faashistii PP gubanii barbadeessuu jiraattonni himan.
Kana malees, ganduma kana keessaa Sadaasa 7, 2024 nama Obbo Faqqadaa Baayisaa jedhamu jalaa mana isaa erga saamanii gubanii booda biqiltuu bunaa hundee 100, Paappayyaa hundee 20, Abukaadoo hundee 25, maangoo 25 fi biqiloota biroo hedduu jalaa ciranii balleessuun horii 11 fi lukkuu 32 jalaa saamuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.
Akkasumas aanaa Abaaboo Guduruu ganda Sirbaa Looyyaa irraa Sadaasa 9, 2024 “ilmaan keessantu miseensa WBO’ti” jechuun namoota maqaan isaanii:
- Garramaa Tolasaa,
- Amboo Tolasaa,
- Aabbuu Goondoo,
- Caalaa Addunyaa,
- Dirribaa Goondoo,
- Xaafaa Goondoo fi kanneen biroo hedduu ta’an hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dabalataan aanaa Waamaa Hagaloo ganda Goossanii Baabboo jedhamu keessaa torban darbe keessa namootni maqaan isaanii:
- Waggaarii Tasfaayee,
- Mulgeetaa Tarfaasaa,
- Tarfaa Tarfaasaa,
- Muraa Qumbaalee,
- Eebbisaa Tarfaa ,
- Kidaanuu Waggaarii,
- Daggafaa Abdiisaa,
- Dajanee Tamasgeen,
- Abdii Waaqjiraa fi kanneen biroo hedduu ta’an ukkaamfamuun gara mooraa leenjii waraanaatti geeffamanii jiraachuun barameera.
Godinuma kana Aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Waamaa Birruu keessaa torbanuma darbe namoota maqaan isaanii:
- Barsiisaa Dinquu fi
- Dhaabaa Asaffaa kanneen jedhaman badii tokko malee waraanni sirnichaa rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

